Wikipedia
omwiki
https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura
MediaWiki 1.46.0-wmf.22
first-letter
Media
Special
Talk
User
User talk
Wikipedia
Wikipedia talk
File
File talk
MediaWiki
MediaWiki talk
Template
Template talk
Help
Help talk
Category
Category talk
TimedText
TimedText talk
Module
Module talk
Event
Event talk
Meerkurii
0
8133
45606
43613
2026-04-04T12:06:03Z
Kwamikagami
7359
/* Hikkaa */
45606
wikitext
text/x-wiki
[[File:Mercury in true color.jpg|thumb|Meerkurii ykn Meerkurii]]
'''Meerkuriin ykn Bakkallee Arreedaa ([[Afaan Arabaa|Arabic]]: عطارد, Italian: Mercurio, English: Mercury, Af-somalii: Dusaa)''' lafjoo sirna Biiftuu keenyaa keessaa isa xiqqaadha. Ji'a lafaa caalaa xiqqoo qofa guddaadha. [[Pilaaneetii(Lafjo)|Lafjoo]] aduutti dhihoo ta'us, garuu isa ho'aa miti.lafjoo sirna Biiftuu keenyaa keessaa isa xiqqaadha. Ji'a lafaa caalaa xiqqoo qofa guddaadha. Lafjoo aduutti dhihoo ta'us, garuu isa ho'aa miti. Veenusiin ykn Bakkalchi caalaatti ho'aa dha. [[Bakkalcha]](venus), [[Lafa|Lafaa]] fi [[Mars|Arraasa]] (Mars) fi [[Qaamu daalacha|meerkurii]] (Mercury)Lafjoo kattaa'oo keessaa tokkodha. Fuula jabaa kan bollangootiin uwwifame qaba. Baqqaana qilleensaas ta'e Addessa(ji'a) hin qabu.
= Hikkaa =
'''Meerkurii''' ykn '''Meerkurii''' ykn '''Bakkallee Arreedaa''' (mallattoo: [[File:Mercury_symbol_(fixed_width).svg|16px|☿]]) urjii Milkii Weey, Ruuda ykn tuuta urjiilee bakka lafti argamtudha. Pilaaneetiin kun Aduutti dhihoo (1ffaa) dha. Isa duuba pilaaneetonni sagal: Veenus(bakkalcha), Lafa, [[Mars|Maarsii]], Juupitaar, Saaturnii(lafqubbellaa), Yuuraanos, Neeptuunii fi Pilutoo . Meerkuriin laayibara alaa jabaa, sibiilaa-salfaayidii, laayibara dhangala'aa gadi fagoo, fi wiirtuu salfarii jabaa fi mantiilii wiirtuu keessaa jabaa uwwisu kan qabu fakkaata.
[[image:Mercury.png|right|thumb]]
Maqaan "Uxaaridii" jedhu jecha [[Afaan Arabaa|Arabaa]] "uxaarid" jedhu irraa kan argamedha. Bara durii kun maqaa waaqa tolfamaa barbarootaa ture. Ormoonni kun waaqa ogummaa akka ta'e waan amananiif maqaan ani barbaadu maqaa waaqa kanaa irraa kan dhufe yoo ta'u, afaan hundaan adda adda ture. Kanaaf, maqaan urjii ykn waaqa tokkoo afaan Faarsiitiin "Tir", Afaan Baabilooniitiin "Nabu", Afaan Ingiliffaa duriitiin "Woden", afaan Giriikiitiin "Hermes", fi afaan Roomaatiin "Mercurius" ta'e. "Mercury" jechuun [[Afaan Ingiliish|Ingiliffaa]] yoo ta'u, maqaa Roomaa tokko irraa kan dhufedha. Garuu afaan Ibrootaatiin, maqaan kun "Kokab Hamah" ykn "Urjii Aduu" jedha. Hiikni jecha '''Qaamuu-daalacha''' jedhuu kan keessatti Qaamuun ji‟a 6ffaadha. Ji‟i kun ji‟oottan waktii bonaa keessaa kan dhumaati. Moggaasni ji‟a kanaaf kennames amala ji‟i kun qabu irraa ka‟eeti. Ji‟i kun ji‟oottan waktii bonaa keessaa isa hamaafi ji‟a sa‟aa namaa hintolle, kan loon caalaatti itti beela‟anifi aalatanii itti kufan ta‟uun beekkama. Qaamuun ji‟a latti dhodhootu, bubbee hamaa kan qabuufi ji‟a afaan nama gogu. Haala amala ji‟a kanaafi dhiibbaa inni nama irratti qabu ibsuufis,“Oola, ebelu qaamuun itti bariite, daalacha bulee ba‟ee fakkaate” jedhu nama daalachaa‟een. Kana irraa kan ka‟e, qaamuun ji‟a golgoleessa jedhu.Maqaan isaas yaadrimee golgola, hongee jedhu qabaata.
== Qabiyyee ==
Meerkuriin Lafjooo hanga amaatti beekaman keesaa xiqqoo yoo taatu, Biiftuutti dhihaattee argamti. maqaan Meerkurii jedhu kun, maqaa siidaa warri Roomaa dur gabbaru irraa itti moggaafame. Akka warra Roomaatti, Meerkurii jechuun ergamaa gooftaa isaanii jechuu dha. Plaanetota hawaa kana keessa jiran keessaa Meerkuriin wayta lafarraa ol laalanis ni mullatti. Barii barraaqa osoo aduun guututti ol hin bahiniifi, galgala eega aduun seentee osoo lafti guututti hin dukkanaawin, plaaneetiin tun ijaan ni mullatti. Wanti kun garuu guyyaa hunda waan mul'atuu miti. Deemsi lafaa fi Merkurii wal qixaa miti. Kanaafuu guyyaa hunda bakka takkatti argina jechuun hin danda'amu.
Diyaameetiriin Meerkuriidhaa ykn Meerkurii kiloomeetora 4,879 ta'a. Akkuma beekamu diyaameetiriin lafaa ammoo kiloomeetira 12,742 ta'a. Kanaaf Meerkurii lafjoo xiqqoo jedhamuun beekamti. Meerkuriin ykn Qaamuun daalachi aduu irra naannoftee xumuruudhaaf guyyaa 88 itti fudhata. Meerkurii irratti Waggaan tokko guyyaa 88 jechuudha. Kan lafaa ammoo guyyaa 365 akka ta'e ni beekama. Meerkurii adutti dhihoo waan taateef Jeema isiitis akkasumas gabaabaa dha.
Qaamni Meerkurii ykn Meerkurii dibantaa 70 sibiila irraa ijaarame. dhibantaa 30 ammoo Silikeet of keessaa qaba. Akkuma lafaa Meerkurii bakka sadihitti qoodnee ilaalla. Inni gubbaa Kiloomeetria haga 200 furdata. Jidduu isaa ammoo haga kiloomeetira 700 kan furdatu yoo ta'u, naannoon kun Ayranii baqeen guutamee jira. Wiirtuun isii ammoo akkaan guddaa dha. Meerkurii wiirtuun isii qofti parsantii 40ti tilmaamai. Kunis Kiloomeetira 1800 ta'a. Plaaneetiin tun yeroo Heddu [[Qorsaa|Qorsaan]]('''Comet''') fi [[Bungulkattaa|bungulkattaan]]('''astreiod''') dhahamti. Kana jechuun hawaa keessaa qorsaalee hedduun isaanii gara lafjoo kanaa darbamu. Kanaaf yeroo heddu gubbaan isii boolla heddu qaba. Boolli tokkichi kan bungulkattaan kanaan uumame diyaameetiriin isaa Kiloomeetira 1500 caala.
[[Qilleensa Marsaa|Qilleensa marsaa]] Meerkurii ykn Qaamu daalachaa haphiidha. Inumaahuu qilleensi marsaan hin jiru jechuu wayya. Yookaan ammoo qilleensa hin qabduuyyu jechuu dha. Sababni kanaa ammoo, guulli harkisaa ykn gravity'n Meerkurii akkaan xiqqaa ta'uu isaati. Waan kana ta'eef qileensa isiirra jiru takkallee qabatuu hin dandeettu. wahiyyoota garagaraa heddu kan qabdu yoo taatu, isaanis oksijiinii 42%, Soodiyamii 29%, Haydroojiinii 22%, Hiiliyamii 6%, Potaashiyamii 5% fi gaaziiwwan biroo kan akka naaytroojin, argon, carbon daayoksayidii, bishaanii fi kan biroos bifa xiqqaa ta'een qabdi. Haa ta'u malee sababa hanqina harkisaa (Gravity) tiin elamantoonni haala kanaan faffaca'anii argaman kunniin, sirna qilleensa Pilaaneetii tanaa mijeessuu hin dandeenye. Kanaaf Meerkuriin yeroo Aduu argattutti hoo'isii digriseentigreedii 430 ta'a. Kallattiin aduu irraa garagale ammoo masaanuu 180 ta'a.
Pilaaneetiin tun adutti akkaan dhihoo waan taateef, Astronoomaroonni gara Pilaaneetii tana dhihaachuudhaaf heddu rakkatanii jiran. Yeroo duraatiif bara 1974tti Doonawaa (Spacecraft) Mariner 10 jedhamu gara Plaaneetii tanaa imale. Osoo Meerkurii irra hin qubatin Meerkurii biraan darbuudhaan Qaama Walakkaa qofa kaasuudhaan gara lafaa erge. Bara 1975 boba'aa waan fixateef achumatti hafuuf dirqamee jira. Itti aansuudhaan The Messenger kan jedhamu bara 2004 gara meerkurii ergamee jira. Kunis qorannoon garagaraa akka godhamu yaadameeti ergame. The Messenger Fakkii guutuu Meerkurii kaasuudhaan ergee jira. Haga bara 2015tti odeeyfannoowwan garagaraa gara lafaatti ergaa ture. San booda waan qabu hunda waan fixateef dalagaan isaa bara 2015tti raawwate. Itti aansuun ammoo BepiColombi bara 2018 Dhaabbata hawaa Awurooppaa fi Jaappaaniin kan ergame yoo tahu, bara 2020 hawaa lafaa keessaa baheera. Baruma kana Bakkalcha ykn veenas dhaqqabe. San booda waggoota lamaaf yeroo lama Veenas biraan akka dabru taasifame. October 2021 irraa kaasee wagga waggaan haga bara bara 2024 Meerkurii biraan dabraa saffisaa isaa hir'isa. Pilaaneetii tanarra qubatuudhaaf dirqama saffisni isaa hir'ifamuu waan qabuuf waggoota shaniif haala kana keessa dabra. San booda bara 2025tti Meerukurii irra qubata jedhamee eeggama.
== Dabalataaf: ==
* [[Hawaa]]
* [[Urjii|Urjilee]]
* [[Gurmuurjii]]
* [[Ruda]]
* [[Xurree Aannannoo|xurree annannoo]]
* [[Sirna Biiftuu]]
* [[Pilaaneetoota|Lafjoolee ykn pilaaneetoota]]
* [[Meerkurii /uxaaridii/ urjaaduu|Meerikurii(Qaamuu-daalacha)]]
* [[Bakkalcha]](Venus)
* [[Lafa]]
* [[Mars|Arraasaa(Maarsii)]]
* [[Juupitaar|Harrattuu(Juupitaar]])
* [[lafqubeellaa]]([[Lafqubeellaa|Saatarniii]])
* [[Yuuraanis]] (Urjii Badheessaa)
* [[Neeptuuniin|Neeptuuniin(Garba-samii)]]
* [[Bungulkattaa]]
* [[Qorsaa]]
* [[Qaanqorsa|Qaanqorsaa]]
[[Category:Xin-hawaa]]
[[Category:Astironoomii]]
9nqxt5hphl2rwz7w8wk1qqckdw7n4ve
45607
45606
2026-04-04T12:06:52Z
Kwamikagami
7359
45607
wikitext
text/x-wiki
[[File:Mercury in true color.jpg|thumb|Meerkurii ykn Meerkurii]]
'''Meerkuriin''' ykn '''Bakkallee Arreedaa''' ([[Afaan Arabaa|Arabic]]: عطارد, Italian: ''Mercurio'', English: ''Mercury'', Af-somalii: ''Dusaa'') lafjoo sirna Biiftuu keenyaa keessaa isa xiqqaadha. Ji'a lafaa caalaa xiqqoo qofa guddaadha. [[Pilaaneetii(Lafjo)|Lafjoo]] aduutti dhihoo ta'us, garuu isa ho'aa miti.lafjoo sirna Biiftuu keenyaa keessaa isa xiqqaadha. Ji'a lafaa caalaa xiqqoo qofa guddaadha. Lafjoo aduutti dhihoo ta'us, garuu isa ho'aa miti. Veenusiin ykn Bakkalchi caalaatti ho'aa dha. [[Bakkalcha]](venus), [[Lafa|Lafaa]] fi [[Mars|Arraasa]] (Mars) fi [[Qaamu daalacha|meerkurii]] (Mercury)Lafjoo kattaa'oo keessaa tokkodha. Fuula jabaa kan bollangootiin uwwifame qaba. Baqqaana qilleensaas ta'e Addessa(ji'a) hin qabu.
= Hikkaa =
'''Meerkurii''' ykn '''Meerkurii''' ykn '''Bakkallee Arreedaa''' (mallattoo: [[File:Mercury_symbol_(fixed_width).svg|16px|☿]]) urjii Milkii Weey, Ruuda ykn tuuta urjiilee bakka lafti argamtudha. Pilaaneetiin kun Aduutti dhihoo (1ffaa) dha. Isa duuba pilaaneetonni sagal: Veenus(bakkalcha), Lafa, [[Mars|Maarsii]], Juupitaar, Saaturnii(lafqubbellaa), Yuuraanos, Neeptuunii fi Pilutoo . Meerkuriin laayibara alaa jabaa, sibiilaa-salfaayidii, laayibara dhangala'aa gadi fagoo, fi wiirtuu salfarii jabaa fi mantiilii wiirtuu keessaa jabaa uwwisu kan qabu fakkaata.
[[image:Mercury.png|right|thumb]]
Maqaan "Uxaaridii" jedhu jecha [[Afaan Arabaa|Arabaa]] "uxaarid" jedhu irraa kan argamedha. Bara durii kun maqaa waaqa tolfamaa barbarootaa ture. Ormoonni kun waaqa ogummaa akka ta'e waan amananiif maqaan ani barbaadu maqaa waaqa kanaa irraa kan dhufe yoo ta'u, afaan hundaan adda adda ture. Kanaaf, maqaan urjii ykn waaqa tokkoo afaan Faarsiitiin "Tir", Afaan Baabilooniitiin "Nabu", Afaan Ingiliffaa duriitiin "Woden", afaan Giriikiitiin "Hermes", fi afaan Roomaatiin "Mercurius" ta'e. "Mercury" jechuun [[Afaan Ingiliish|Ingiliffaa]] yoo ta'u, maqaa Roomaa tokko irraa kan dhufedha. Garuu afaan Ibrootaatiin, maqaan kun "Kokab Hamah" ykn "Urjii Aduu" jedha. Hiikni jecha '''Qaamuu-daalacha''' jedhuu kan keessatti Qaamuun ji‟a 6ffaadha. Ji‟i kun ji‟oottan waktii bonaa keessaa kan dhumaati. Moggaasni ji‟a kanaaf kennames amala ji‟i kun qabu irraa ka‟eeti. Ji‟i kun ji‟oottan waktii bonaa keessaa isa hamaafi ji‟a sa‟aa namaa hintolle, kan loon caalaatti itti beela‟anifi aalatanii itti kufan ta‟uun beekkama. Qaamuun ji‟a latti dhodhootu, bubbee hamaa kan qabuufi ji‟a afaan nama gogu. Haala amala ji‟a kanaafi dhiibbaa inni nama irratti qabu ibsuufis,“Oola, ebelu qaamuun itti bariite, daalacha bulee ba‟ee fakkaate” jedhu nama daalachaa‟een. Kana irraa kan ka‟e, qaamuun ji‟a golgoleessa jedhu.Maqaan isaas yaadrimee golgola, hongee jedhu qabaata.
== Qabiyyee ==
Meerkuriin Lafjooo hanga amaatti beekaman keesaa xiqqoo yoo taatu, Biiftuutti dhihaattee argamti. maqaan Meerkurii jedhu kun, maqaa siidaa warri Roomaa dur gabbaru irraa itti moggaafame. Akka warra Roomaatti, Meerkurii jechuun ergamaa gooftaa isaanii jechuu dha. Plaanetota hawaa kana keessa jiran keessaa Meerkuriin wayta lafarraa ol laalanis ni mullatti. Barii barraaqa osoo aduun guututti ol hin bahiniifi, galgala eega aduun seentee osoo lafti guututti hin dukkanaawin, plaaneetiin tun ijaan ni mullatti. Wanti kun garuu guyyaa hunda waan mul'atuu miti. Deemsi lafaa fi Merkurii wal qixaa miti. Kanaafuu guyyaa hunda bakka takkatti argina jechuun hin danda'amu.
Diyaameetiriin Meerkuriidhaa ykn Meerkurii kiloomeetora 4,879 ta'a. Akkuma beekamu diyaameetiriin lafaa ammoo kiloomeetira 12,742 ta'a. Kanaaf Meerkurii lafjoo xiqqoo jedhamuun beekamti. Meerkuriin ykn Qaamuun daalachi aduu irra naannoftee xumuruudhaaf guyyaa 88 itti fudhata. Meerkurii irratti Waggaan tokko guyyaa 88 jechuudha. Kan lafaa ammoo guyyaa 365 akka ta'e ni beekama. Meerkurii adutti dhihoo waan taateef Jeema isiitis akkasumas gabaabaa dha.
Qaamni Meerkurii ykn Meerkurii dibantaa 70 sibiila irraa ijaarame. dhibantaa 30 ammoo Silikeet of keessaa qaba. Akkuma lafaa Meerkurii bakka sadihitti qoodnee ilaalla. Inni gubbaa Kiloomeetria haga 200 furdata. Jidduu isaa ammoo haga kiloomeetira 700 kan furdatu yoo ta'u, naannoon kun Ayranii baqeen guutamee jira. Wiirtuun isii ammoo akkaan guddaa dha. Meerkurii wiirtuun isii qofti parsantii 40ti tilmaamai. Kunis Kiloomeetira 1800 ta'a. Plaaneetiin tun yeroo Heddu [[Qorsaa|Qorsaan]]('''Comet''') fi [[Bungulkattaa|bungulkattaan]]('''astreiod''') dhahamti. Kana jechuun hawaa keessaa qorsaalee hedduun isaanii gara lafjoo kanaa darbamu. Kanaaf yeroo heddu gubbaan isii boolla heddu qaba. Boolli tokkichi kan bungulkattaan kanaan uumame diyaameetiriin isaa Kiloomeetira 1500 caala.
[[Qilleensa Marsaa|Qilleensa marsaa]] Meerkurii ykn Qaamu daalachaa haphiidha. Inumaahuu qilleensi marsaan hin jiru jechuu wayya. Yookaan ammoo qilleensa hin qabduuyyu jechuu dha. Sababni kanaa ammoo, guulli harkisaa ykn gravity'n Meerkurii akkaan xiqqaa ta'uu isaati. Waan kana ta'eef qileensa isiirra jiru takkallee qabatuu hin dandeettu. wahiyyoota garagaraa heddu kan qabdu yoo taatu, isaanis oksijiinii 42%, Soodiyamii 29%, Haydroojiinii 22%, Hiiliyamii 6%, Potaashiyamii 5% fi gaaziiwwan biroo kan akka naaytroojin, argon, carbon daayoksayidii, bishaanii fi kan biroos bifa xiqqaa ta'een qabdi. Haa ta'u malee sababa hanqina harkisaa (Gravity) tiin elamantoonni haala kanaan faffaca'anii argaman kunniin, sirna qilleensa Pilaaneetii tanaa mijeessuu hin dandeenye. Kanaaf Meerkuriin yeroo Aduu argattutti hoo'isii digriseentigreedii 430 ta'a. Kallattiin aduu irraa garagale ammoo masaanuu 180 ta'a.
Pilaaneetiin tun adutti akkaan dhihoo waan taateef, Astronoomaroonni gara Pilaaneetii tana dhihaachuudhaaf heddu rakkatanii jiran. Yeroo duraatiif bara 1974tti Doonawaa (Spacecraft) Mariner 10 jedhamu gara Plaaneetii tanaa imale. Osoo Meerkurii irra hin qubatin Meerkurii biraan darbuudhaan Qaama Walakkaa qofa kaasuudhaan gara lafaa erge. Bara 1975 boba'aa waan fixateef achumatti hafuuf dirqamee jira. Itti aansuudhaan The Messenger kan jedhamu bara 2004 gara meerkurii ergamee jira. Kunis qorannoon garagaraa akka godhamu yaadameeti ergame. The Messenger Fakkii guutuu Meerkurii kaasuudhaan ergee jira. Haga bara 2015tti odeeyfannoowwan garagaraa gara lafaatti ergaa ture. San booda waan qabu hunda waan fixateef dalagaan isaa bara 2015tti raawwate. Itti aansuun ammoo BepiColombi bara 2018 Dhaabbata hawaa Awurooppaa fi Jaappaaniin kan ergame yoo tahu, bara 2020 hawaa lafaa keessaa baheera. Baruma kana Bakkalcha ykn veenas dhaqqabe. San booda waggoota lamaaf yeroo lama Veenas biraan akka dabru taasifame. October 2021 irraa kaasee wagga waggaan haga bara bara 2024 Meerkurii biraan dabraa saffisaa isaa hir'isa. Pilaaneetii tanarra qubatuudhaaf dirqama saffisni isaa hir'ifamuu waan qabuuf waggoota shaniif haala kana keessa dabra. San booda bara 2025tti Meerukurii irra qubata jedhamee eeggama.
== Dabalataaf: ==
* [[Hawaa]]
* [[Urjii|Urjilee]]
* [[Gurmuurjii]]
* [[Ruda]]
* [[Xurree Aannannoo|xurree annannoo]]
* [[Sirna Biiftuu]]
* [[Pilaaneetoota|Lafjoolee ykn pilaaneetoota]]
* [[Meerkurii /uxaaridii/ urjaaduu|Meerikurii(Qaamuu-daalacha)]]
* [[Bakkalcha]](Venus)
* [[Lafa]]
* [[Mars|Arraasaa(Maarsii)]]
* [[Juupitaar|Harrattuu(Juupitaar]])
* [[lafqubeellaa]]([[Lafqubeellaa|Saatarniii]])
* [[Yuuraanis]] (Urjii Badheessaa)
* [[Neeptuuniin|Neeptuuniin(Garba-samii)]]
* [[Bungulkattaa]]
* [[Qorsaa]]
* [[Qaanqorsa|Qaanqorsaa]]
[[Category:Xin-hawaa]]
[[Category:Astironoomii]]
3kjkrz3e020fbsefpskk647h4qnhfis
Lafa
0
8162
45605
45370
2026-04-04T12:05:35Z
Kwamikagami
7359
45605
wikitext
text/x-wiki
[[File:The_Blue_Marble_(remastered).jpg|right|thumb| Suuraa beekamaa lafaa kan Apooloo 17 irraa fudhata]]
'''Lafti''' (mallattoo: [[file:earth symbol (fixed width).svg|16px|🜨]]) [[Pilaaneetoota|bakkallee]] sadarkaa sadaffaa Biiftuu irraa faagaatee argamtu yoo ta'u, Walaabuu keessatti bakka jireenyi itti ka'ee fi bakka jireenyaa itti argamuu ishee qofaadha. Lafti Sirna Biiftuu keessatti bishaan baay'ee qabaachuu dhiisuu dandeessi, dirra dhangala'aa bishaan kan itti qabduu lafa qofa yoo ta'u, garboota ishee waliin lafa %70.8 ol dirri ishee qaama bishaaniti kaanaaf, lafti addunyaa garbaa taasiseera. Naannoowwan bantii lafaa yeroo ammaa bishaan kanneen biroo hunda caalaa kan qaban yoo ta'u, bishaan lafa jalaa, haroowwan, lageen fi bishaan burqaadha. Lafti ardiilee fi odola kan of keessaa qabu yoo ta'u, dirri lafa %29.2 ol kan ta'u, biqiltootaan kan uwwifame dha.Dirra lafaa ykn fuula lafaa jalatti irri lafaa kan argamu yoo ta'u, kunis dirree tektoonikii suuta socho'u hedduu kan of keessaa qabu yoo ta'u, isaanis wal-nyaatanii gaarreen, volkaanoo fi kirkira lafaa uumuu danda'u.Alli dhangala'aan handhuura lafaa dirree maagneetii maagneetoosfiiraa lafa bocu maddisiisa, qilleensa aduu barbadessaa dabsee dabarsa.
Haguugni qilleensa lafaa fuula lafaa haalawwan akka bubutuwwanii (meteoroids) irraa ykn baqaanii ozoonii isheetiin ifa adurraa dhufuu fi carrallaa altiraavaayooletii xuxuunii fi barraqqeessuun fuula lafaa eega. Hurki bishaanii qilleensa keessatti bal'inaan kan argamu yoo ta'u, duumessa lafjoo kana harka caalu kan uwwisu yoo ta'u.Haguugni qilleensa lafaa fuula lafaa haalawwan akka bubutuwwanii (meteoroids) irraa ykn baqaanii ozoonii isheetiin ifa adurraa dhufuu fi carrallaa altiraavaayooletii xuxuunii fi barraqqeessuun fuula lafaa eega. Hurki bishaanii qilleensa keessatti bal'inaan kan argamu yoo ta'u, duumessa lafjoo kana harka caalu kan uwwisu yoo ta'u. gaazota Manfullee qilleessa keessa jiran kanneen biroo keessumaa kaarboon daayi'oksaayidii (CO2) waliin ta'uun anniisaan ifa Aduu lafa ga'u ugguruun ykn xiqqessuun, hoo'innii fuula lafaa keenya 14.76°C ta'asiisuu. Sadarkaan anniisaa aduu fuula lafaa gahu naannoowwan teessuma lafaa gidduutti adda addaa (akkuma naannoon mudhii lafaa naannoolee Baantii caalaa ifa aduu baay'ee argatu) kallattii qillensaa fi danbalii galaanaa oofu, sirna qilleensa addunyaa naannoo qilleensaa adda addaa akka qabu kan taatisee, taateewwan qilleensaa adda addaa kan akka rooba, qaamolee hayyamu kan akka naayitiroojiinii gara marsaa.
Lafti akkuma qaamolee Sirna Biiftuu keessa jiran irra caalaan isaanii waggoota [[kumkumla]] ykn billiona 4.5 dura gaazii Sirna Biiftuu jalqabaa keessa jiru irraa uumamte. Seenaa lafaa waggoota biliyoona jalqabaa keessatti galaanni uumamee booda jireenyi keessa isaa guddate. Jireenyi akka addunyaatti babal'atee qilleensaa fi fuula lafaa jijjiiraa kan ture yoo ta'u, waggoota biliyoona lama dura Taatee Oksaayidii Guddaatti geesseera. Ilmi namaa waggoota 300,000 dura kan uumame yoo ta'u, har'a baay'ina ummataa kumkumla 8 gaheera. Ilmaan namootaa lubbuun jiraachuu isaaniif baayoosfiiraa lafaa fi qabeenya uumamaa irratti hirkatu, garuu naannoo pilaaneetii kanaa irratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Dhiibbaan dhala namaa yeroo ammaa haala qilleensaa fi baayoosfiiraa lafaa irratti qabu itti fufiinsa kan hin qabne yoo ta'u, jireenya namaa fi lubbu qabeeyyii biroo hedduu balaadhaaf saaxilee, badiinsa bal'aa fidasiisa.
= Humnoota Teessuma Lafaa Jijjiiran =
Teessuma lafaa jechuun haala facaa'iinsa qaamota irra lafaa gosoota adda addaa faca'anii argamaniidha. Teessumni lafaa iddoo hundatti walfakkata miti.Teessuma lafaa jechuun danaa yookin boca fuulli lafaa qabuudha. Isaanis gaarreen, pilaatoowwan, sululaafi lafa dhooqaa fa'a. Kunis ta'u kan danda'e sababa humnoota keessaafi irraa lafattiinkan uummamaniidha. Humnoonni qaama irra lafaa irratti jijjirama fidan kunneenis bubbee, bishaan lolaa, cabbie baqee sigigaatu, dadacha'insa lafaa, babbaqaqiinsa, adeemsa voolkaniziimii fa'a.Teessumni lafaa bakkaa bakkatti garaagarummaa qaba. Garaagarummaan teessuma lafaa kunniin kan uumaman sababoota humnoota fuula lafaa irrattiifi keessa lafaatti uumaman irraa kan ka'e. Jijjiiramni teessuma lafaa kun adeemsa walirraa hin cinneedha
== Humnoota Keessa Lafaa Teessuma Lafaa Jijjiiran ==
Humnoonni keessa lafaa kanneen keessa lafaatti uumamanii jijjiirama qaama lafaa irratti fidaniidha. Isaan keessaa beekkamoon dhoo'insa voolkaanoo, dadacha'iina lafaa babbaqaqiinsa lafaafi kirkira lafaafa'a. Sababoota humnoota keessa lafaatiin teessumni lafaa adda addaa uumamaniru. Adeemsi kun yeroo hunda kan walirraa hincinneefi itti fufaadha. Teessumni lafaa haala kanaan uumaman qaamota lafaa kanneen ijaan hin muldhanne irraa kaasee hamma qaamota gurguddoo kan akka gaarrenii, pilaatoowwan, sululawwan, lafa diriiraafi kan kana fakkaataniidha. Kanaaf Addunyaa irratti fakkeenya gaarii kan ta'an keessaa gadi fageenya guddaa kan qabu Galaana du'aa ('''dead sea)''' (biyyoota Israa'eeliifi Libaanoos jidduutti argamu) yoo ta'u Olka'iinsa guddaan addunyaa kan ta'e immoo garreen Himaalaayaa keessaa gaara Evaariisti jedhamuudha. Gara biraatiin tessuma lafa biyya keenyaa yemmuu fudhannu garaagarummaa guddaatu jira. Fakkeenyaaf, olka'umsi guddaan gaarreen kaaba biyyattiitti argaman keessaa gaara Raas Dashaan sirrii galanaa ol 4620m ta'a. Lafti dhooqa guddaa qabu immoo bulchinsa Mootummaa naannoo Afaar iddoo Daalool jedhamutti kan argamu sirrii galanaati gadi 116 m ta'a
=== Dadacha'iinsa Lafaa ===
Dadacha'iinsi lafaa kan uumamuu naannoo kattaan kuus-mansaa itti argamutti. kattaan kuusmansaa akka kattaalee biroo cimaa/jajjaboo waan hin taaneef dadacha'insaaf saaxilama. Sababni dadacha'insa lafaa humnoota keessa lafaatii ka'aniidha. Haa ta'u malee, naannoo kanatti akka volkaanoo wanti lafa keessaa bahee kuufaman hin jiru, yookiin qaamni lafaa caccabeefi babbaqaqee citee gad lixu hin jiru. Naannoo dadacha'iinsiitti uummamuutti lafti oldhiibbamuun gaarreenifi tulluuwwan faan ni'uumamu. Bakka humni cimaan jirutti gaarreen gurguddoo ta'an ni uummamu. Gaarreen gurguddaan kaaba [[Afrikaa]] kan akka Atlaasii, Awurooppaa Alpisiifi Eeshiyaa Himaaliyaa faan sababa dadacha'iinsaan uumaman. Humnoonni keessa lafaatii maddanii qaama lafaa irratti jijjiirama guddaa fidan dhala namaafi lubbu qabeeyyii biroo irrattis miidhaa salphaa irraa kaasee hamma cimaa ta'etti dhaqabsiisuu danda'u. Fakkeenyaaf dhoo'insa voolkaanoo bara 2002 Haayitii keessatti raawwate fudhachuun ni danda'ama.
[[File:Folding of alternate layers of limestone layers with chert layers.jpg|frameless]]
=== Teessuma Lafaa Babbaqaqiinsa ===
lafaatiin uumaman Babbaqaqiinsi addaan tarsa'uu qaama lafaati. Lafti wal irraa foxoqee/citee dalga yookiin shaffaaxa walirraa siquu qaama lafaati. Qaamni lafaa kan wal gadidhiisu humnoonni faallaa wal irraa baqatan qaama lafaa irratti yoo dhiibbaa uuman ta'a. Bakkaa siquun qaama lafaa yookiin kattaa kun naannoo sarara baqaqaatti kan raawwatamuudha. Sababa babaqinsaatiin teessuma lafaa adda addaatu uumama. Fakkeenyaaf babbaqiinsi lafaa yoo uumamu qaamni lafaa jidduu gaarreen wal ilaaloo gamaa-gamanatti dhiisee, lafti gidduu jiru mucucaatee sulula uuma. Sululli qinxamaa guddaan addnuyaa haala kanaan uumame.
=== Voolkaanoo ===
'''Volkaanoon''' sababa hoo'a guddaa keessa lafaatti ummamuun kattaaleen yoo baqan dhangala'aa(maagimaa)fi gaasiin uumaman dhoo'iinsa uumamuudha. Teessuma lafaa dhoo'insa voolkaanotiin uumaman.
'''Maagmaan''' sababa dhiibbaa guddaa irraa kan ka'e hoo'a cimaadhan kattaan keessa lafaa baqee dhangalaa'u jechuudha. Maagmaan bakka itti qorru irratti hundaa'uunis voolkaanoon bakka lamatti qoodama. Isaanis:
1. Voolkaanoo lafa keessatti qorruufi
2. Voolkaanoo fuula lafaatti bahee qorruu
Maagmaan baay'ee dhangala'aa ta'e qaama lafaa gara gubbaa dhoosuun gara alaatti dhangala'a. Maagmaan keessa lafaa irraa maddee irra lafaa dhoosee fuula lafaa irratti dhangala'u boolla tokkoon yookiin boolla baay'een bahuu nidanda'a. Boolla tokkichaan yoo magimaan keessaa lafaati dhohee bahu '''veentii''' jedhama. Volkaanoon boolla baay'een dhangala'u immoo '''fiisharii''' jedhamuun beekama. Volkaanoon boolla tokkoon humna cimaan darbatamee bahu '''kaaldeeraa''' uuma. Hammi hoo'aa yoo cimaa ta'e maagmaan uumamu '''dhangala'aa''' ta'a. Haa ta'u malee sababa dhiibbaa lafa keessatiin hoo'i uumamu gadi aanaa yoo ta'e immoo maagman uumamullee furdaadha. Hammi gaasii maagmaa dhangala'aa ta'e keessatti olaanaa ta'a. Kun immoo dhoo'insi voolkaanoo cimaa akka ta'u gargaara. Maagmaan gara fuula lafaatti bahee dhangala'a. Maagmaa fuula lafaatti bahee dhangala'u '''Laavaa''' jedhama. Hoo'i keessa lafaa xiqqaa ta'uun maagman uumamu furdaa ta'a, gaasii xiqqaa qaba. Kun immoo maagmaan gara fuula lafaa osoo ol hin bahin baqaqaa dhagaa keessa seene hafa jechuudha.Kanaan maagmaa lafa keessatti hafee qorre jedhama.
==== Sadarkalee Dhoo'insaVoolkaanoo ====
Ji'ooloojistoonni uummama voolkaanoo sadarkaa sadiitti qodanii jiru Isaanis:- Voolkaanoo socho'aa; gosa voolkaanoo yeroo gabaabaa keessatti dhoohu. Yeroo baay'ee jala garboota gurguddoo keessatti uummama. Voolkaanoo Riphaa; gosa voolkanoo yeroo murtaa'aan booda dhoohuu danda'u. Voolkaanoo Dhumataa; gosa voolkaanoo kanaan dura dhoohee dhumateedha.
=== Hoollannaa Lafaa ===
Hoollannaan lafaa sababoota adda addaa humnoota keessa lafaatiin uumamu kan akka voolkaanootiinfi walgadhiisuu dhagaa keessaa lafaatiin qaamni lafaa yoo kirkiruudha. Baqqanni irra lafaa kan uumamee kattaalee adda addaa irraayi. Kattaaleen kunniinis akka pilaastikaa amala wal-keessaa yaa'uu yookiin walharkisuu qabu. Garuu yeroo humni guddaan hanga walharkisuu kanaa ol-ta'ee kattichi cabuuf dirqama.Yeroo kattaan cabuu yookiin baqaqu immoo kirkirri lafaa ni uumama. Adeemsa kanaan kattaan yeroo cabu anniisan cimaan gad-dhiifama. Humni gad-dhiifamuu immoo kattaalee bakkaa buta. Kattaan bakkaa butame immoo yeroo bakkatti deebi'uuf yaalii nigodha. Hollannaan (kirkirri lafaa) kallattii hundaan bakka maddu irraa nifaca'a. Bakki hollannaan lafaa irraa maddu fookaasii jedhama. Fageenyi gabaabaan gara irra lafaa qixa fookasiin argamu ippiseentarii jedhama. Hollannaan lafaa kallatiin fuula lafaakan jijjiiruu miti
= Jijjirama Tirannaa (Evolution)Lafa =
ka'umsa seenaa lafaa xiinxaluuf Qoodamina Bara fayyadamna. Barri nuti itti fayyadamnu hambaalee(fossil) bineensotaa fi biqiltootaa yeroo lafti akka lafjootti uumame irraa kaasee qorannee qoodama.
=== A. Bara Durleetoo / Precambrain Era /( (Waggaa Biliyoona 4.6 hanga miliyoona 600 ) :- ===
Jaarraan kun seenaa jijjiirama lafaa keessaa gara 90% kan uwwisudha. Taateewwan Xin lafaa(ji'ooloojii) ijoo yeroo kana keessatti raawwataman:-
➢ Sirni Biiftuu jalqaba bara kanaatti uumame jedhamee yaadama.
➢ Ji'i lafaa yeroo kana keessatti uumame
=== B. Bara Jireenyaa ganamee / Paleozoic Era /( (Waggaa miliyoona 600 hanga miliyoona 225) :- ===
Taateewwan Xin lafaa(ji'ooloojii) ijoo yeroo kana keessatti raawwataman:- ➢ Ardiileen kaabaa jechuunis Laurashiyaa, Baaltikaa fi Saayibeeriyaa yeroo addaan bahan ardiileen kibbaa (walitti qabaan Gondwanaland jedhaman) gara kibbaatti siqsuu itti fufan. Naannoo mudhii lafaa keessatti ardii guddittii Pangea(paangaayii) jedhamtu ummamtee.
=== C. Bara Jireenyaa Giddu-galaa / Mesozoic Era /( (Waggaa miliyoona 225 hanga miliyoona 70) :- ===
Taateewwan Xin lafaa(ji'ooloojii) ijoo yeroo kana keessatti raawwataman:-
➢ Pangayiin guutummaatti gara ardiilee amma jiranitti addaan ba'e. Haa ta'u malee ardiileen kun bakka amma qaban hin qabanne.
➢ Garbii Atlaantiik fi Hindii uumame.
➢ Galaana [[Ameerikaa Kaabaa]] fi Awurooppaa gidduutti uumame.
=== D. Bara Jireenyaa Jabbanaa / Cenozoic Era /( (Waggaa miliyoona 70 duraa hanga Ammaa ) :- ===
Taateewwan Xin lafaa(ji'ooloojii) ijoo yeroo kana keessatti raawwataman:-
➢ Ardiileen gara bakka amma jiranitti socho'uu itti fufan.
➢ Suuta suutaan Giriinlaandii fi Ameerikaan Kaabaa addaan bahuu jalqaban.
➢ Ardiin guddichi kaabaa Laawureeshiyaa addaan cituu jalqabde
➢ Afrikaan Antaarktikaa irraa adda baatee gara kaabaatti deemuu itti fufee
➢ [[Ameerikaa Kibbaa]] fi Ameerikaa Kaabaa Paanaamaan riqicha lafa uumamaa walarga
[[File:Pangea animation 03.gif|Pangea_animation_03]]
= Argama (position)fi Boca(shape) lafaa =
Lafti urjiilee biliyoona dhibbaa lakka'amaa kanneen xurree aanannoo (Milky way)keessa dha. Uumamni lafaa uumama sirna biiftuu waliin walfakkaatadha. Uumriin uumama lafaa kan sirna biiftuu waliin tokkodha. Lafti pilaanetoota biiftuu irra naanna'an keessaa ishee tokko. Bara durii yeroo saayinsii fi teeknooloojiin hin guddatinitti lafti diriiraa fi qarqara daangaa qabu akka qabdu amanama turan. Yeroon booda garuu qorannoon adda addaa gaggeeffamaa turan lafti danaa marfamaa yookiin boca killeetti dhiyaatu akka qabdu mirkaneessaniiru. Hayyoonni danaan lafaa marfamtuu ta'uu ishii mirkaneessan keessaa Paataagoras, Pilaatoofi Aristootil isaan hangaafoota.
Lafti danaa marfamtuu ta'uu ragaaleen agarsiisan keessaa muraasni:
➢ baahuufi lixuu biiftuu ➢ Gaaddidduun lafaa fuula ji'aa irratti mul'achuu ➢ Suuraan lafaa samii irraa gadi kaafame marfamtuu ta'uu kan agarsiisu ta'uu ➢ Dooniin lamaa walduraa duuba imalan adeemsa keessa yoo walirraa fagaatan wal arguu dhabu. ➢ Namni iddoo ka'e irraa of duuba osoo hin deebi'in naanna'ee iddoo ka'etti deebi'uu danda'uufi kkf
=== A. Maraamarto Lafaa(Rotation) ===
Lafjooleen(Pilaanetoonni) irra caalaan marso(orbiitii) isaanii irra kallattii dhihaa gara bahaatti naanna'u. Lafti utubaa ishii irra faallaa lakkoftuu sa'aatii kan marsituufi si'a tokko marsitee xumuruuf sa'aa 23fi daqiiqaa 56 (guyyaa tokko) itti fudhata. Sochiin lafti utubaa ishii irra taasiftu kun maraamartoo lafaa jedhama. Yommuu lafti utubaa ishii irra marsitu halkaniifi guyyaan ni umma.
=== B. Naana'uu lafaa(Revolution) ===
Lafti si'a tokko marsoo ishii irra biiftuu naannoftee xumuruudhaaf guyyoota 365¼ itti fudhata. Sochiin kunis naanna'uu lafaa jedhama. Lafti aduutti yommuu naannoftu jijjiiramni waktiileefi garaagarummaan dheerinna halkaniifi guyyaa ni uumama.Fageenyi naannawa lafaa 40,000 km akka ta'e mirkanaa'eera. Sararri yaadaa handhuura lafaa keessa qaxxaamuree bantiilee Kaabaafi Kibbaa wal qabsiisuun goladuu(hemisphere) bahaafi dhihaatti lafa addaan qoodu sarara gadee guddaa jedhama. Dheerinni sarara yaadaa kun 12,640 km ta'a. Sararri yaada biroo kallattii bahaa gara dhihaatti lafa walqixa kaabaafi kibbatti kan qoodu Mudhii Lafaa jedhama. Innis lafa goladu kaabafi kibbatti qooda. Dheerinni sarara kanaatis 12,756km ta'a. Garaagarummaan dheerina Sarara gadee guddaafi mudhii lafaa gidduu jiru lafti danaan korboo sirrii akka hintaane mirkaneessa.Akkuma Lafti Aduutti naanna'aa jirtuun fageenyi ishee Aduu irraa yeroo adda addaatti garaagarummaa qaba. Fakkeenyaaf: Akka Lakkoofsa Itoophiyaa keessatti naannoo Muddee 25tti lafti aduutti dhihoo (147,100,000 km); Taatee kun Kalluu-Biiftuu (perihelion) jedhama. Faallaa kanaatiin naannoo June 28tti lafti Aduu irraa fagoodha (152,600,000 km). Taatee kun Fagachuu Biiftuu(Aphelion) jedhamuun beekama.
Siqeen lafaa Dirra marsii ishee irraa kofa 66½0(gulantaa kofaa(degree)jahatamii jaha irra tokko lamaffaa) ykn siiqqee dhaabbataa lafaa irraa 23½0 ta'een garagalfama. Dabalataanis, fiixeen lafaa kaabaa yeroo hunda kallattii Urjii Kaabaa agarsiisa.Naanna'uun lafaa teessuma siqqee lafaa kana waliin qindaa'uun taateewwan adda addaa uuma. Lafti Aduutti akkuma naanna'aa jirtuun haalli sadii uuma. Isaanis Waqtii ni uuma.Fagaachuu Biiftuu fi Kaluu Biiftuu uuma.Guyyaa fi halkan dheerina adda addaa akka qaban godha. Yeroo nannanna'uu lafaa dheerinni guyyaa fi halkanii mudhii lafaa irratti walqixa
= Baqaana Lafaa =
Lafti kattaa irraa uumamte. Kattaaleen ammoo albuudotairraa ijaaraman. Albuudonnis qindoomina elementootati. Kunis lafti elemeentota adda addaa irraauumamuu ishii agarsiisa. Hammi argama elemeentota keessaa lafaa (lafaa) keessatti bakka hundattuuwal qixaa miti.Jalqabairratti laftigaasiioo’aa turte. Adeemsa suuta suutaatiin qorraa fi jajjabaacha dhufte.Hammuma qorraa fi jabaataa deemtuun elementonni sasalphoon(ulfaatina guddaahin qabne) kan akka [[Haayidroojiinii|haydiroojiinii]] fi [[heeliyeemii]] walitti sunturuun qaama irra lafaa uuman.[[Elementoota|Elemeentoonni]] ulfaatina qaban kanneen akkanikeeliifi sibiilaata’an garawalakkaa yookiin handhura lafaattigadlixuunkuufamuu eegalan.
'''Baqqana lafaa''' wal irroo qaama lafaati. Kana hubachuuf meebuuphaa yookiin killee hin shamin kan affeelame tokko fudhachuun quncisuun keessa ishii muruunmaal akka fakkaatu ilaali. Garri duuba isaa jabaataa, inni itti aanu ammoo haphi adii waraqata fakkaatuuennaa ta’u, garri keessaa halluu boora yookiin keelloo fakkaatu agarta. Haala kanas waa’ee baqqaanotalafaa ilaalchisuun baratteen wal bira qabuun hubachuuf yaali. Kutaaleen buuphaa wal irroo ta’uun nimuldhatu. Wal iirroon kunniin baqqaana jedhamu. Walumaagalatti lafti baqqaanota sadii qabdi. Isaanis,irra lafaa, keessa lafaa fi handhuura lafaa jedhamuun beekamu.
=== 1.Irra lafaa (Crust): ===
Qaama lafaa kan gara gubbaatti argamuudha.Qaamni irra lafa kun gadfageenya adda addaa qaba. Qaamni irra lafaa kun qaamman irratti yabbina kiiloomeetira 30-40kan qabu ennaa ta’u, naannoolee gaarreen gurguddoon jiranitti kiiloomeetira 40 ol yaabbinaqaba. Haa ta’u malee, bakkeewwan jala garbawwan gurguddoo addunyaa jalatti yaabbinahanga kiiloometira 6 ta’u qaba.
Qaamni irra lafaa yaabbina guddaa qabaatuu baatus waan dhaagaalee adda addaa irraahojjatameef baay’ee jabaataadha. Irri qaama lafaa qindoomina albuuddan ulfaatina hin qabnekan akka Silikaa fi Aluuminiyemii irraa uumame. Irri lafaa kun yeroo ammaa naannoolee tokkotokko keessatti akaakuu dhagaa qarsaa (basalt) jedhamu kan ulfaatina qabuun uwwifametiinargama.
=== 2.Keessa Lafaa (Mantle): ===
Baqqaanni kun baqqaana irra lafaatti aanuun gara keessatti argame.Yabbinni baqqaana kanaa gara Kiiloomeetira 2900 ta’a jedhamee tilmaamama. Kattalleen keessabaqqaana kanaatti argaman albuuddan ulfaatina qaban kanneen akkamaagneeziyemiiirraaijaarame. Jabeenyi kattaalee kanniinii akkuma gara qaama keessa lafaatti gad fagaataa deemuunlallaafaa ta’uu fi suuta suutaan gara bifa dhangala’ootti jijjiirama. Kattalleen kunniin baquun garawaan dhangalootti akka jijjiiraman kan taasise oo’a cimaa keessa baqqaana kanaatti argamuudha.Akkuma gad fageenyi keessa lafaa dabalaa deemuun hammi oo’aa keessa lafaas dabaluun cimaadhufa.
=== 3.Handhuura lafaa (Core): ===
Baqqaanni lafaa kun walakkaa keessa lafaatti argama. Baqqaanni kunkallattii maraanuu baqaana keessa lafaatiin (mantle) marfamee argama. Baqqaanni handhuuralafaa kun danaa korboo ( geengoo) qaba. Yabbinni handhuura lafaa walumaagalatti garakiiloometira 3450 ta’a. Baqqaanni handhuura lafaa albuudoota akka sibiilaa fi nikeelii irraauumame, Kattalleewwan handhuura lafaa keessatti argaman hundi isaanii bulbulamuun garawaan dhangala’ootti kan jijjiiraman miti. Qaamni wiirtuu handhuura lafaa baay’ee jabaatadh
== Qilleensa Marsaa Lafaa ==
[[Qilleensa Marsaa|Qilleensi marsaa lafaa]] walmakaa gaazootaa adda adaa, dhukkeefi bishaan haala hurkaatiin ofkeessaa qaba. Gaasota qilleensa marsaa lafaa keessaa qooda guddaa kan qabu Naaytiroojinii yoo ta'u sadarkkaa lammaffaa irratti immoo oksiijiniidha
=== Baqqanota Qilleensa Marsaa Lafaa ===
Tempireechera irratti hundaa'uun qilleensi marsaa lafaa baqqaanota afur gurguddootti niqoodama. Isaannis: Tirooppoosfeerii, Istiraatoosfeerii, Meesoosfeerii fi Teermoosfeerii dha.
==== Qilmarsa goodoo ykn Tirooppoosfeerii ====
Tirooppoosfeerii: baqaana lafatti aanee argamuudha. Haalli argama isaatis naannoo mudhii lafatti hamma 17km ol fagatee kan argamu yommuu ta'u, naannoo bantileetti immoo hamma 7k mol fagatee argama. Baqqaana kana keessatti yommuu olka'iinsi dabalaa adeemu, tempireecherri immoo hir'achaa deema. Kunis kan ta'uu danda'eef maddi hoo'a baqaana kanaa lafa waan ta'eefi. Dhiibbaan qilleensa marsaa lafaa guddaa ta'e baqqaana kana keessatti argama. Sababbiin isaas baqqaanni kun hunda irra rukkaadha. Gaasota garagaraafi hurka bishaanii ofkeessaa waan qabuufi. Fiixeen yookiin daangaan gara olii baqaana kanaa Tirooppoopwuusi jedhama
==== Hawaardiyaaa ykn Istiraatoosfeerii ====
Baqaana tirooppoosfeeriitti aanee argamuudha. Baqaana kana keessatti olka'iinsi yoo dabalu teempreecharris suuta dabalaa deema. Kunis kan ta'eef kuufamni guddaan ozoonii (O3 ) baqaana kana keessatti argama. Jiraachuun Oozoonii immoo carallaan Altiraavawoleettii jedhamu akka keessatti xuuxxamee hafu taasisa. Daangaan Istiraatoosfeeriifii meesoosfeerii Istiraatoopaasi jedhama. Kunis hanga 20km olfagaatee argama
==== Qilmarsaa Gidduu ykn Meesoosfeerii ====
Baqaanni kun daangaa gara olii istiraatoosfeerii fi 90km gidduutti argama. Baqqaana kana keessatti yommuu olka'insi dabalaa adeemu tempireecherri immoo saffisaan hir'achaa deema. Teempreecharri hamma -1850 C tti gadi bu'a. Sababni olka'iinsi yoo dabalu teempreecharri hir'ataa deemuuf baqaana hunda irra baqaanni rukkinni gaasotaa xiqqaa waan ta'eefi. Haalli kun immoo hoo'i akka hin kuufamne taasisa. Fiixeen yookiin daangaan baqaana kanaa gara olii Meesoopaasii jedhama.
==== Hawoo'a ykn Teermoosfeerii ====
Baqaana qilleensa marsaa lafaa gara olii daangaa meesoosfeerii olitti kana rgamuudha. Baqqaana kana keessatti yommuu olka'insi dabalaa adeemu, tempireecherris saffisa dabalaa adeemuun hamma 1,5000 C gaha. Kanarraa kan ka'e, baqqaanni kun baqqana qilleensa marsaa lafaa isa baay'ee hoo'aa ta'uun beekkama. Kunis kan ta'eef hammi O3 guddaa waan ta'eef
= Gudunfaa =
Lafjoo qe'ee keenyaa Lafti lafjoo katta'oodha. Gaarreen, suluuloota, riphoota, lafdakeewwan fi kkf kan qabu. Lafti lafjoo garbaa waan taateef adda. Bishaan fuula lafaa 70% uwwisa. Haguugni qilleensaa keenya irra caalaa naayitiroojiinii irraa kan hojjetame yoo ta'u, oksijiinii baay'ee kan akka nuti hargannuu ni godhu qaba. Haguugni qilleensaa fufurgisa ykn bubutuuwwan (meteoroids) dhufan irraas nu eega, irra caalaan isaanii akka bubuttuwwan fuula lafaa rukutuu isaanii dura haguuga qilleensa keenya keessatti ni caccabu.Dhugaa dubbachuuf! Waa'ee lafjoo qe'ee keenyaa waan baay'ee barachuu dandeenyu qabna. Yeroo ammaa kana Baattolchoonni(satellites) hedduun lafa naanna'anii suuraa fi safartuu ka'aa jiru. Akkasitti waa'ee haala qilleensaa, galaana, biyyee, jijjiirama qilleensaa baramaa fi mata dureewwan barbaachisoo biroo hedduu caalaatti baruu dandeenya.
= Wabii =
[[Category:Hawaasa]]
<references group="https://en.wikipedia.org/wiki/Earth" /><blockquote>https://en.wikipedia.org/wiki/Earth</blockquote>
[[Category:Xin-hawaa]]
lcnxkznikieybvfsgheoi3x5bi035zk
Lafqubeellaa
0
8195
45608
45500
2026-04-04T12:08:25Z
Kwamikagami
7359
45608
wikitext
text/x-wiki
[[File:Saturn_during_Equinox.jpg|right|frameless|upright=1.5]]
'''Lafqubeellaa''' ykn '''Bakkalmartii''' ('''Qkyawqkyawoo'''; mallattoo: [[File:Saturn symbol (fixed_width).svg|16px|♄]]): Sirna Biiftuu keessatti bakkallee Aduu irraa 6ffaarratti argamtuu dha. Saaturniin jeema isarratti Aduun naannaa'ee xumuruuf gara waggaa lafaa 29.5 itti fudhata. Guyyaan Bakkalmartii irratti argamu guyyaa lafaa caalaa baayyee gabaabaa yoo ta'u, gara sa'aatii 10.7 qofa kan turudha. Kana jechuun Saatarniin lafa caalaa baayyee saffisaan ofirra naanna'a.Bakkalmartiin bakkaleelee gurguddoo afran Sirna Biiftuu keessa jiran keessaa tokko yoo ta'u, '''Ejabula(Jupitarii)''', '''Falaqoo (Yuuraanosii)''' fi '''Dotila (Neeptuunii)'''n qaba. Sirna Aduu keessatti pilaaneetii guddittii lammaffaadha (Jupiter isa guddaadha).
Saturn maqaa [[waaqa]] qonnaa Roomaa Saturn jedhamuun irraa moggaafame. Inni waaqa Giriikii Kronos jedhamu kan Roomaa wajjin wal gitu ture. Mallattoon Saturn <nowiki>''♄'' yoo ta'</nowiki>u kunis mallattoo haamtuu Saturnus ti. Jechoonni [[Afaan Oromoo|Afaan oromoo]] Lafqubellaafi Bakkalmartii jedhuu hamartii ykn qubbeellaa saatarniin ibsuuf kan moggaafameedha.
== Qabiyyee ==
Hundhuuri Bakkalmartii tarii kompaawundoota quraata, niikeelii, silikoonii fi oksijiinii kan of keessaa qabuu fi, baqqaana yaabbuu haaydiroojiinii sibila'aan kan marfameefi, sana booda baqqaana haayidiroojiinii dhangala’aa fi heeliyeemii dhangala’aa fi dhumarratti, baqqaana gaazii alaa kan qabuudha. Sababa irra caala qaama isaa qileensiyyee ta'eefi ejabula fakkaatuuf bakkalleewwan Jooviyaanii ykn Ak-ejabuloo jedhamuun beekkamu
== Qubellaalee ==
[[file:8423 20181 1saturn2016.jpg|left|frameless|upright=1.5]]
Bakkaltichi qubeellaawwaan naannawa isaatii argamaniin beekkama. Qubeellaawwan kunnin mudhii Bakkalmartii(saturn) irraa fageenya 6630km hanga 120700kmtti argama.Tokkon tokkon Qubeellaawwan Bakkalmartii balina hanga 20m qabu.irra jireessaan qubeellawwan kunniin bishaanii fi cabbii irraa dalagaman.
== Dabalataaf: ==
[[Category:Xin-hawaa]]
bhqpcns9sq0iyekgf5h5irr31vwanxl
45609
45608
2026-04-04T12:09:39Z
Kwamikagami
7359
Undid 3 revisions from [[Special:Diff/45278|45278]] until [[Special:Diff/45608|45608]]
45609
wikitext
text/x-wiki
[[File:Saturn_during_Equinox.jpg|right|frameless|upright=1.5]]
'''Lafqubeellaa''' ykn '''Bakkalmartii''' ('''Saatarnii'''; mallattoo: [[File:Saturn symbol (fixed_width).svg|16px|♄]]): Sirna Biiftuu keessatti bakkallee Aduu irraa 6ffaarratti argamtuu dha. Saaturniin jeema isarratti Aduun naannaa'ee xumuruuf gara waggaa lafaa 29.5 itti fudhata. Guyyaan Bakkalmartii irratti argamu guyyaa lafaa caalaa baayyee gabaabaa yoo ta'u, gara sa'aatii 10.7 qofa kan turudha. Kana jechuun Saatarniin lafa caalaa baayyee saffisaan ofirra naanna'a.Bakkalmartiin bakkaleelee gurguddoo afran Sirna Biiftuu keessa jiran keessaa tokko yoo ta'u, '''Ejabula(Jupitarii)''', '''Falaqoo (Yuuraanosii)''' fi '''Dotila (Neeptuunii)'''n qaba. Sirna Aduu keessatti pilaaneetii guddittii lammaffaadha (Jupiter isa guddaadha).
Saturn maqaa [[waaqa]] qonnaa Roomaa Saturn jedhamuun irraa moggaafame. Inni waaqa Giriikii Kronos jedhamu kan Roomaa wajjin wal gitu ture. Mallattoon Saturn <nowiki>''♄'' yoo ta'</nowiki>u kunis mallattoo haamtuu Saturnus ti. Jechoonni Afaan oromoo Lafqubellaafi Bakkalmartii jedhuu hamartii ykn qubbeellaa saatarniin ibsuuf kan moggaafameedha.
== Qabiyyee ==
Hundhuuri Bakkalmartii tarii kompaawundoota quraata, niikeelii, silikoonii fi oksijiinii kan of keessaa qabuu fi, baqqaana yaabbuu haaydiroojiinii sibila'aan kan marfameefi, sana booda baqqaana haayidiroojiinii dhangala’aa fi heeliyeemii dhangala’aa fi dhumarratti, baqqaana gaazii alaa kan qabuudha. Sababa irra caala qaama isaa qileensiyyee ta'eefi ejabula fakkaatuuf bakkalleewwan Jooviyaanii ykn Ak-ejabuloo jedhamuun beekkamu
== Qubellaalee ==
[[file:8423 20181 1saturn2016.jpg|left|frameless|upright=1.5]]
Bakkaltichi qubeellaawwaan naannawa isaatii argamaniin beekkama. Qubeellaawwan kunnin mudhii Bakkalmartii(saturn) irraa fageenya 6630km hanga 120700kmtti argama.Tokkon tokkon Qubeellaawwan Bakkalmartii balina hanga 20m qabu.irra jireessaan qubeellawwan kunniin bishaanii fi cabbii irraa dalagaman.
== Dabalataaf: ==
[[Category:Xin-hawaa]]
su6vsuijuxzyl6p7xikni8vg0a5znal