Oromiya
From Wikipedia
Booranni Godinoota naannoo Oromiyaa keessa jiran keessaa isa tokko. Godinni Booranaa kibbaan Kenya iin, dhihaan Sabaaf, Sablammoota fi Uummattota kibbaatiin, kaabaan Balen (Booranaa fi Baale jidduu Laga Gannaalee Dorya ttu yaa'a), Bahaan ammoo Somalin dangeffamte argamtii. Bakki dherran lafa Borana kessatti argamu Garaa Dara Xiniro tti. aanota Booranaa guguddoo Mooyyalee, Negeellee Booranaa, Yabeelloo fi Bulee Horaa jedhamu.
Rakkoon caamaa Boraana kan bara 2006 wal-dhabbii Boorana fi Gujii Muddee 22, 2006 (ALO) jalqabe akka gudattu sababa ta'ee ture. Torbaan tokkoon booda ammoo woraanni ka'ee erga guyyaa 10 wal woraanaa turaniin booda, jaarsonni biyyaa waraana kana qabbanessuu danda'anii turan. Garuu yeroo torbaan tokkoo kan woraanni ture keessatti qofa namoonni 100 hanga 150 ta'uu danda'an lubbuun isaanii darbe. Bara dhuma 2005, bareffama Ethiopian Coffee and Tea authorityirratti hundeffame Central Statistical Agency(CSA) akka gabasetti toniin buna 13,533 kan ta'u zonii kanatti akka biqilla. Kuni immo ba'ii Oromo ffi percentii 11.8% yoo ta'u, bayyi biyyaffi (Ethiopia)ffi immo percentii 6.0% ta'a. Borani bakka warqii yookan mine Ethiopiafi hojjatamu sadii qaba: kunnis - Kebre Mengist (Gold, Warqii), Laga Dambi(Gold, warqii) fi Kenticha,(Tantalum) kan Shakiso tti dhihattu dha.
Gabbassa Borana (Central Statistical Agency irratti hundeffame)
Bayyinni Ummatta 2,019,383, kessa 1,025,393 dhiraa and 993,990 immo dubartii dha. Ummatni 234,391 yokaan percentiin 11.6% anna guggudatti yokan ketematti galu. Tilmama lafa ballina 95,740.23 square kilometers qabu kessatti ummatti borana density 21.09 per one kilometrii qaba.
Akka May 24, 2004 World Bank memorandum tti percentiin ummatta 4% elektrikii fayyadama, akkasumas zoniin kuni kara konkolatta road density 27.5 kilometers per 1000 square kilometers. Averegiin abba mana badiyya tokko hektara 0.5 lafa fi horii 0.6 qaba. Percentiin 14.4% ummatta hojii qotee bulla hiinta'inin bulla. Percentiin 53% ijolle mana barumsa sadarka tokkoffa kessatti argaman yoo ta'an 9%ttin immo mana barumsa sadarka lammaffatti argamu. Percentiin 35% zonii Borana malariafi bana jirra haa ta'u malee tokkollen tsetse flyiin caraa qabamu hiin qabu. Memorandumiin zonii kana carra halla qillensa gogga 410 kennafi.
Zoniin Borana bara 2004tti Ministry of Agriculture and Rural Development iin bakka fedhini ummatta biraa rakko bayyina ummatta qaban fudhachun filatamtee dha. Bara kanatti Boranni nama mana 9145 fi walii galatti nama matti hundaa irra 45,725 ta'anni fudhatterra.

